Saayinsii fi teeknoloojii

Saayinsii fi Teeknoloojii

Namootnii fi dhaabbatootni hedduun jechoota saayinsii fi teeknoloojii jedhaman kanneen bakka wal-buusuun itti fayyadamuun beekamaadha. Rakkoo qabaachuu batus garuu, walitti dhufeenyaa fi garaa garummaa saayinsii fi teeknoloojii akka nuti adda hin baafanneef sabaa ta’ee jira.

Adda baafachuuf aka ta’utti akka armaan gadiitti isiniif ibsuun yaala.

Saayinsii (Science)

Akka Oxford Reference kaa’utti, saayinsiin qoraannoo haala uumamaa fi amaloota wantootaa irratti maloota qindaa’aa ta’e hordofuun geggeefamudha jedha. Qorannooleen kun ammoo karaalee yaalii (experiment) fi odeeffannoo dhimma tokkorratti funaannachuu ykn waa’ee wanta tokkoo qor-qalbiin daawwachuun (observation) kan godhamuudha.

Malootni fi akkaataaleen qorannoo kunniinis guddina, dagaaginaa fi jijjiirama dhala namaa waliin kan as ga’edha.

Fakkeenyaaf, namootni durii baroota lakkaa’uf maloota qorannoo mataa isaani fayyadamu turan. Haala, yeroo fi fakkaattii urjilee fi addeessaa hubannoon daawaatu. Kana booda qorannoo kana erga geggeesanii booda theory/odeessa ykn system/sirna uumuun bifa barreefamaa fi kaaniin olkaa’u. Baatiin tokko guyyoota 30 qaba, addeessi ifa mataa ishii hin qabdu jechuun murteessu jechuudha.

Bara kana ammoo, haallii fi malootni qorannoo waan dagaageef qorannoo kana seerotaa heerreeggaa, keemistrii fi fiiziksiin garaa garaa fayyadamuun labraatoorii fi alatti dhugeeffatu jechuudha.

Teeknoloojii (Technology)

Teeknoloojiin jecha Grikii (Greek) ‘techne’ jedhu irraa kan fudhata’e yeroo ta’u, hiikti isaas ‘artii, dandeettii, ykn beekumsa waa uumuu, hojjechuu ykn kalaquu’ jechuudha. Saayintistootni beekumsa isaanii fayyadamuun teeknoloojii guddisan. Kanaaf, teeknoloojii jechuun beekumsa saayinsii fayyadamuun wanta qabatamaa ta’e uumuu jechuudha. 

Fakkeenyaaf, akkuman dura kaasee adumsaa fi haala addeessaa qorachuuf ykn sirriitti daawwachuuf beekumsa garaa garaaa kana akka optics/waa’ee leensii fayyadamuun teleskooppii uumuun dirqama ta’e jechuudha. Kanaaf, bara lakkaa’uuf ija umamaa fayyadamnee hawaa ilaalluu irra meeshaalee garaa garaa fayyadamuun dhugeeffachuun ni dandaa’ama jechuudha.

Gumaacha saayinsiin teeknoloojiif qabu

Beekumsi dhala namaa guddina sammuu waliin waan deemuuf saayinsiin dhalachuu teeknoloojiif bu’ura. Teeknoloojii Nikuleraa hojjechuun dura waa’ee nikuleraa beekuu barbaachisa. Maalummaa, akkaataa fi maloota keemikaalaa fi umama atoomii, nikulasii, molekiwuulii, elementii fi walitti dhufeenyaa fi walitti hidhata isaanii qorannoon bira ga’uu barbaachisa. Kuusaalee kompiwuteraa kannen akka magnetic tape fi optical disk kalaquun dura, amaloota elementoota kanaaf gargaaran beekuu barbaachisa.

Gumaacha teeknoloojiin saayinsiif qabu

Babal’innii fi guddinni teeknoloojii ammoo qorannoo saayinsiidhaaf maloota, akkaataa qorannoo fi meeshaalee qorannoof oolan saxaxuu (design gochuu), omishuu (produce) fi itti fayyadamuun akka dandaa’amu godhee jira.

Fakkeenyaaf, fagina lafaa fi biiftuu gidduu jiru safaruuf meeshaalee (tools) teeknoloojii gargaaramuun dirqama. Meeshaa kana kalaquun dura saayinsiin (kan akka particle science) amaloota, umamaa fi ariitii ifaa (light) dursee bira ga’uu qaba jechuudha.Kana booda meeshaaleen teeknoloojii kunniin hojiilee sammuu dhala namaaf rakkisoo fi yeroo fudhachuun dandaa’an salphaatti calculate akka godhu gargaaran.

DNAn nama tokkoo isa kaan irraa adda ta’uun erga beekamee, beekumsa kana fayyadamuun rifeensi, qaroon ijaa, ashaaraa fayyadamuun teeknolooji nama adda baasu hojjetan jechuudha. Kun ammoo, qorannoo saayinsii itti aanuuf haala mijeesse (appitite bane), gaaffii gadi fagoo akka gaafannu nu taasise. 

Gaaffilee kanneen akka; sammuu namaa copy gochuu (ol kaa’uu), replica namaa hojjechuu, dhukkuboota rakkisoo taa’a gadi fageenyaan ilaaluu fi qoricha barbaaduuf hamilee uume…

Fakkeenya hedduu kaasuun ni dandaa’ama jechuudha. Kanaa qorachuu isiniifan dhiisa.

Galatoomaa!

About The Author