Yeroo ammaa kana, bilbila harkaa (smart phone) jechuun kompiitera hangaan qofa xiqqaa ta’e harkatti qabatanii ooluu jechuudha. Ykn ammo kompiitera agarsiiftuu (screen/display) xiqqaa jechuun ni dandaa’a.
Ta’us bilbila wal-fakkaatu akkaataan itti fayyadamanama hundaa garaagara ta’a, bu’a qabeessumaan ykn faayidaan nuti irraa argannus akkasuma garaagara. Ergaa barreefamaa hanga bakka garaagaraa ta’anii sududaan (live) wal-arguu, sagaleen wal-dubbisurraa hanga sagaleen xiyyaara balaliisuutti fayyadamtiin keenya wal-caala.
Bu’a qabeessummaa keenya ol-kaasuufis balleessuufi haalli itti fayyadama bilbila keenya hedduu murteessa akka ta’e xiinxaltoonni xinsammuu fi qorattonni ni dubbatu.
Akkaataalee Itti Fayyadama Bilbilaa Bu’a Qabeessummaa Dabaluu Nu Gargaaran mata duree jedhu kana jalatti dhimma kana irraatti xiyyeeffadhee, madda garaagaraa irraa walitti kanan qabadhen siniif barreessa obsaan caqafadhaa!
The good news is that your phone really can make you more productive — you just need to use it more thoughtfully. (The Insider)
Inni duraa beekamaadha garuu hin hubannu, innis bilbila qabaachuun mataan isaa bu’aa dha. Inni kaan ammo:-
1. Wanta Durfamuu Qabu Dursisiisuu
Bilbilli keenya data-n banamaa ta’ee hittisa (restriction) yoo in qabaanne, wanuma itti tole hunda gadi naqaa oola, kun ammo rakkoodha. Kanaaf, yeroo hojiitti fkf bilbila kaasuuf bilbiluun ga’aa yoo ta’e bilbila koo akka inni bilbiluuf bilbila kaasu qofa gochuun qaba jechuu dha. Bilbiloota heddurra jira, ‘do not disturb’ kana kakaasuu (activate) gochuu qabna jechuu dha.
Feesbookii qofa fayyadamna taanaanis, isa kaan callisiisuu qabna jechuudha, ‘background restriction’ kana kakaasuun.
2. Fuula Miidiyaarratti Wal-argaa Ooluurra Bilbilaan Yeroo Muraasaf Waliin Haasa’uu
Miidiyaa hawwaasummaa sagal bananii cufaa ooluurra namoota fagoof, hiriyyoota duriif bilbilanii dubbisuun hariiroo akka cimsu hubatamaa dha. “Hello, akkam ati? …. Lakki anoo sima dubbisuu barbaadeeni bilbile” jechuu bari. Kun amma qulqulluu dha.
3. App hin Barbaachifne ykn hin Fayyadamne Haquu
Bilbilli keenya waanta hunda yeroo ijaaru (install godhu) waanta gaarii fakkaata garuu, sana hunda keessa kan faayidaa nuuf kennan baay’ee muraasa. Fknf App-lee yaadachiisa (notification) namatti ergaan oolan kanneena akka miidiyaa hawwaasummaa garaagaraa balleessuun barbaachisaadha, sababni isaas yaadan nama hatu waan ta’aniif.
4. Suuraa fi Suur-sagalee Turan Ol-kaa’uu fi Haquu
Ani mataanko suurotaaf suur-sagalee (video) durii ilaaluun yeroo hedduun of-jalaa gubaa ture. Garuu akkas gochaa ooluun xiinsamuu namaaf sirrii akka hin taane dubbisee bira ga’een jira. Kanaaf, wanta lamaaf tokkoffaan Kuusaa (storage) nu jalaa qabata wan ta’eef lammaffan ammo suura durii ilaalaa ooluun rakkoo mataasaa qabaata (yeroo dabalatee).
Furmaatni isaas, data keenya kana gara cloud fi bakkoota backup-iif ta’an kaawwachuu fi yeroo barbaachisaa ta’etti argachuu danda’uun ni dandaa’ama. Fkf Kuusaa cloud akka Google Drive, Dropbox-faan tola dha.
5. Yaadannoo fi Galmee Garaagaraa Ol-kaa’achuu.
Inni kuni akkuma 3ffaa ta’ee, yaadannoolee fi barreefamoota jalqabnefaa xumurachuudha. Koompiitera irratti galmee (document) barreessuu yoon eegale, bakka biraa deemes ta’u osoon buna dhuguu yaadni yoo naaf dhufe bilbila kiyya irratti itt fufuu danda’uun qaba jechuudha. Tajaajiloota akkanaa kan kennan fknf Microsoft OneNote, Everynote, OneDrive with Microsoft Office 365 fi heddu jiran fayyadamuun ogummaa dha.
6. Kaameraan Ofii (Selfie) Qofa Kaasa Miti Akkasumas Flight Mode-n Yeroo Balalinsaa Qofa Fayyada Miti
Bilbila keen Ofii (selfie) si’a kudhan ka’aa takka balaqqee (flash) ibsaa fi cufaa oolurra, balaqqee sana akka trikaatti galgala itti fayyadamuuti filatamaadha. Fkf ujummoon bishaanii manaa si jalaa cabe, halluu fo’aa (kirrii) garaagaraa bituu yoo feete, lakkofsa gabatee konkolaataa qabachuu yoo feete, waa hedduu. Selfie dhiisii suura kaafadhu.
Akkasumas yeroo hojii kabajuuf, boqochuuf yoo feete flight mode-rra gochuufan bareedaa dha.
7. Odeeffannoo Yeroo Balaa (Emergency) Sirriitti Guuti
Wanta nurra ga’u osoo beeknee gaarii ture, garuu hin dandeenyu. Kanaaf, carraan waa uumamuu banaa jennee erga amannee tarkaanfii barbaachisaafi saffisa qabu fudhachuun gaariidha. Odeeffannoo yeroo balaa kana guutuun barbaachisaadha salphaatti bilbilachuufi ergaa duraan qophaa’e dafnee akka erginu nu gargaara jechuudha.Dhumarratti, wantoota barbaachisoo ta’an fi hafuu hin qabne ammo:-
8. Headphone Buluutuuzii Gaarii Qabaadhu
Headphone qabaachuun fayidaa hedduu qabaata, miidhaa isaa caalaa, keessumaa wireless yeroo ta’u bilisummaa namaaf kenna. Kana booda maal ittiin gochuu dandeenya jechuudha? 9ffaa.
9. Podcast fi Audiobooks (?) Dhageeffachuu
Afaan Keenyaan badaa wanta baratame miti lamaan isaa, keessuma #Podcast-iin. #Podcast odeessa ykn dhihaanna sagalee qofaan intarneetii gubbaarratti dabarfamu dha. Sagataalee odeeffataman akka barbaacha keenyaatti argachuuf carraan jira, fkf marii dhimma teeknoloojii yoo feene marsariitii hedduu argachuu dandeenya.
#Audiobooks ammo kitaabota barraa’an sagaleedhan qofa seenessuu jechuudha. Headphone gurrarra kaa’atani kanneen lamaan dhageeffachuun, faayidaalee bilbilli keenya nuuf dabalu kaan hunda irra ni caala. (akka kootti).
Maddoota Odeeffannoo koo keessaa muraasni:- #Forbes #Businessinsider #PopularScience #AmbitionAndBalance fi kannee biros.