Google AdSense Banner - Qubee Touchpoint

Google AdSense Beektaa?

Yeroo hedduu content erga hojjennee booda qaama (dhaabbata) beeksisa nu hojjechiisu argachuun rakkiisaadha. Keessuma bara TikTok kana keessa. Google AdSense rakkoo kana salphaatti nuuf fura.

Content bifa barreeffamaa (kanneen akka blog kanaa) ykn videon hojjechuun website keenya ykn Chaanaalii YouTube keenya AdSense kana waliin walitti hidhuun Google waliin galii qooddachuu dandeenya jechuudha.

Google AdSense – Google Network of Content Site ta’an irratti beeksisoota garaa garaa akkaataa gosa content keenyaa waliin deemu nuuf maxxansa jechuudha.

Account Banachuu

Akka Google-tti, namni tokko acount AdSense tokko qofa qabaachu qaba . Yoo tokko ol qabaannes, isa itti hin fayyadamne close gochuu qabna jechuudha. Account haaraa banachuuf ulaagaalee armaan gadii guutuu qabna;

  1. Google Gmail banachuu ykn kan itti hin fayyadamne banaachuu.
  2. Gara adsense.google.com deemuun Get Started jenna.
  3. Email keenya galchuun unka(form) jalqabaa guunna. Achirratti website hin qanu yoo ta’eef I don’t have a site yet jenna. Website yoo qabaanne ammoo URL guutuu galchina.
  4. Itti aansuun Your payment country/territory kan jedhuuf biyya keessa jirru galchina. Asiratti akka yeroo YouTube bannuu biyya kaan galchuu hin qabnu. Booda location verification waan jiruuf Ethiopia yoo taane Ethiopia filachuu qabna jechuudha.
  5. Our Terms and Conditions kan jedhuuf I have read and accept the agreement jennee walii galuun itti fufna.

Publisher – namoota akka koo (website qaban). Advertiser – dhaabbata beeksisa beeksifatu. Kanaaf, AdSense qaamota kana lamaan walitti fiduun galii irraa qooddata.

Google AdSense fi Google Ads

Google Ads – AdSense waliin wal-adda. Google Ads – kan maxxansitootaa/content creators/publishers osoo hin taane, kan Advertisers (warra product isaanii beeksisuu barbaadaniif) jechuudha.

Advertiser/ootni kunniin account/eenyummeessaa Ads kana erga banatanii booda, maallaqa kafaluun bakkaa fi akkaata itti beeksiifni isaaniif mul’atu/dhihaatu filachuun ‘Campaign’ uumu jechuudha.

Qoqqoodinsa Maallaqaa

Updated Google AdSense Revenue - Qubee Touchpoint

Wanti hundi xumuramee, Publisher-n galii argamurraa yeroo hunda 68% akka fudhatu godhama. Yeroo dhihoo dura, Google publisher-ootaaf transaction tokko qofaan kafalaa ture (gara waggoota 20f).

Kana jechuun namni tokko $100 beeksisaaf Google-tti yoo kafale, AdSense $68 publisher directly qooda ture.

Amma garuu, bakka lamatti hiruun Buy-side fi Sell-side jechuun adda qoode jira. Kunis salphaadha. Dhaabbatni tokko $100 Google Ads yoo kafale, Google Ads $15 irraa murachuun AdSense-tti dabarsee kenna, AdSense $85 irraa 80% nuuf kafala.

Kana jechuun 68% from total revenue arganna jechuudha. Kana jechuun $68 ta’a.

Galatoomaa, bal’inaan hubachuuf kara email keenyaa nuuf barreessaa.

About The Author