Daraaraa Taaffasa Ayyaanaa jedhama, hojii idilee isaa alatti App hanga kanaa ga’u kalaqee yeroo dhihootti beekamti horachuu danda’eera.
O Locate
Maqaa App kanaa yeroo ta’u, appichi agarsiiftuu tajaajiloota Oromiyaa keessa jiraniif Magaalaa Finfinnee keessa bakkoota barbaachiso ta’an odeeffannoo ga’aa waliin bakka tokkotti akka arganu kan nu dandeessisu dha. Fakkeenyaaf hoteelota, bakka bashannanaa, bakka sportii, geejibaa fi waan hedduu dabalata.
Akkaataa Itti Fayyadamaaf YouTube Ilaali.
Wantota Mimmiidhagoo Ani Madaalee Keessaa
Information and Location Services – Tajaajila odeeffannoo kennuu fi kaartaa google fayyadamuun bakka nutti agarsiisuu.
Navigation Service – Bakka jirru iraa kaanee gara bakka deemuu barbaadnuutti karaa hedduu jiran keessa isa gabaabaa (short route) akka fayyadamnu kan nu gargaaru.
Favorite – Wanta nutti tole, ol-kaa’achuu ykn jaalachuu. Kun wanta san irra deebine akka hin barbaaduu akka hin rakkane nu gargaara.
Caching(Kuftalee) – Kuftalee qabachuu. Kana jechuun Yeroo Wi-Fi ykn Deetaa fayyadamnee kaanu, irra deebinee akka hin feene wanta nuti daawwachaa oolle hunda ol-nuuf kaa’a. Kun qarshii keenya akka qusanuuf nu gargaara.
Custom Themes – Halluu app keenyaa kan filanneen jijjirachuu kan nu dandeessisudha.
News/Event – Odeeffannoo ykn Taatee garaa garaa dubbiisuu fi hordofuuf.
Push Notification Services – Odeeffannoo ykn Taatee kana ofumessa (automate) bifa ta’een akka nu jala hin miliqnetti akka argannuuf kan nu tajaajiludha.
Hojii akka kanaa itti dhimmanii yeroo kennanii kalaquun gatii guddaa kan nama kafalchiisuudha. Yaadota qeeqaa fi sirreefama barbaachisan kara keessaa waanan erguuf, kutaa itti aanutti yaadota fayyadamtootaa itti daddabalee kana caalaatti bareeche akka dhufu abdiin qaba.
Kanaaf, App kana fayyadamuu fi Rate gochuun wal bira ha dhaabannu.