Cryptocurrency (crypto-currency) ykn crypto jechuunis ni dandaa’ama. Crypto-n digital currency ykn virtual currency dha. Digital currency jechuun ammoo, farankaa (qarshii) dijitaalaati. Asirratti, dijitaala jechuun string ykn lakkoofsota (qubeelees dabalatee) kara algorithm kompiwuteraa kan argatamudha.
Farankaan dijitaalaa kun, kan online (internet irratti) ittin waa bitaniifi gurguran malee qarshii harkaan qabannu miti jechuudha.
Akka farankaa harkaa qabuu fakkeessuu (fake) gochuu fi duplicate (baay’isuun) kan dandaa’amu miti, sababiin isaas hiikni lakkoofsota (string) farankaa dijitaala kan Cryptography fayyadamuun kan dhokfamedha.
Qarshiin/farankaan dijitaalaa kun akka qarshii (cash) osoo hin taane, aangoo qaama mootummaa ykn dhaabbata faayinaansii kaamin jalatti kan bulu miti. Sababni isaas daddabarsi (transfer), bittaaf qurgurtaan (buy/sale) fi oomishuun (mine/generate) gochuun teeknoloojii Blockchain jedhurratti kan hundeeffamedha.
Cryptography Maali?
Cryptography-iin jecha Greek “kryptos” jedhurraa kan fudhatame yoo ta’u, hiikti isaas “dhoksaa/dhokataa” jechuudha.
Cryptography-iin damee qorannoo Computer Science keessaa isa tokko ta’ee, akkaataa ergaan/message tokko haala hin mul’anneen ykn hin dubbifamneen neetworkii kompiwuteraa fayyadamuun isa ergee (sender) fi isa fudhatu (reciever) gidduu akka deddeemu kan qoratudha. Ergaa xaxamaa (encrypted) ta’e kana hiikee (decrypt godhee) kan dubbisuu danda’u receiver (kompiwutera ergaan ergameef) kana qofaa jechuudha.
The two biggest mistake people make in crypto are inversing all of their money and not investing anything at all.
Jedhama.
Crytography-iin maloota hedduu of keessaa qaba, isaan keessaa private/publish key cryptography fi hash function-faa dabalata jechuudha.
Blockchain fi Distributed Network Jechuunhoo?
Distributed Network (DN) jechuun ammoo, gosa neetworkii kompiwuteraa ta’ee yeroo kompiwuteroonni laamaaf isaa ol neetwokiin walitti hidhamuun hojii walfakkataa hojetan ykn hojii tokko humna walgargaaruun saffisaa akka hojjetamu kan godhanidha.
Akkasumas, daataan kompiwutera tokkorra jiru haala garaa garaa akka hin badneef, copy-n isaa kompiwuteroota neetworkii sanarra jiran hundarra akka jiraatu kan godhudha.
DN bifa garaa garaa ni qabaata, cryptocurrency-f kan oolu garuu DN kompiwuteroota biyya garaa garaa jiranii fi hooggansi isaani ammoo bakka tokko (central ta’e) kan hin qabnedha. Neetworkiin akkanaa peer-to-peer (P2P) jedhama jechuudha. Kompiwuterri (peer ykn hiriyyaan) neetworkii P2P irra jiru hundi daataa mataasaa ni qabaata akkasumas kompiiwuteroota kaaniifis ni qooda jechuudha.
Blockchain-iin crypto-n kun fayyadamu ammoo, teeknoloojii ykn moodela DN P2P jedhamu kanarratti kan hundeeffamee fi Block (wanta tokko, ykn saanduqa haa jennu) ykn saanduqa tokko isa kaan waliin walitti hidhuun “a chains of blocks” uuma jechuudha. Saanduqni kun egaa warreen naanoo isaa jiran waliin walitti hidhamuun odeeffannoo waliif qoodu jechuudha. Ibsuuf,
Saanduqa kana transaction (dabarsa farankaa crypto) gonee haa ilaallu, transaction-iin kun odeeffannoolee hedduu ni qabaata:
- Maqaa addaa (unique ID)
- Odeeffannoo waa\’ee yeroo fi bakkaa
- Abbumaa
- Maqaa isa ergee fi isa fudhatuu fi kkf
Odeeffannoon kun hundi garuu cryptography fayyadamuun bifa dubbifamuu hin dandeenyetti xaxameera (encrypted) jechuudha.
Gosoota Crypto
Har\’a crypto gosa hedduuti jiru, isaan keessaa inni jaalatamaa fi yeroo jalqabaaf kalaqame Bitcoin (BTC) jedhama. Bitcon cryptocurrency warra kaan irra hedduu guddaa fi Amajji 2022 keessa gabaa addunyaa gara Doolaara Ameerikaa bil. 896 kan sochoosu ture.
Kanneen kaanis Ether (ETH), Binance Coin (BNB), Tether (USDT), Solana (SOL) fi kkf heddutu jiru jechuudha.
Crypto akkamiin oomishu ykn mine godhu?
Karaalee nuti crypto (Bitcoin haa ilaallu) itti argachuu dandeenyu keessa inni duraa maalla qabnu kafallee bitachuudha, inni kaan ammoo mining ykn soqanii argachuudha ykn crypto farm jedhama.
Fakkeenyaaf Bitcoin mine gochuudhaaf kompiwuteroota gargaatuu (servers) hedduu ciccimoo ta’anii fi neetworkiing walitti hidhaman gargaaramuun lakkoofsota (string ani sila dubbadhe) haara argachuu danda’uu jechuudha.
Akkamiin yoo jenne, transaction Bitcoin-iin godhaman hunda download gochuun scan godhamee pattern jiru bira ga’iin farankaa haaraa blockchain-tti dabaluu jechuudha. Wanta kana hojjechuuf humna electric dabalatee resource hedduu kan barbaadudha
Faayidaa fi Miidhaa Cryptocurrency
Fayidaalee isaa keessaa muraasni; crypto-n akkuma sirnaa fi ilaalcha siyaasaa fi dinagdee revolution dha jedhama. Rakkoolee karaa baankilee, dhaabbatoota faayinaansii fi biirookiraasii mootummaan maallaqa irratti godhu hambisuuf kan yaadamedha. Namni maallaqa waliif dabarsuuf qaama sadeffaa akka hin barbaachifne himu, kun ammoo ariitii ittiin daladalanii fi ittin fayyadaman ni dabaalas jedhama.
Inni kaan ammoo maallaqni bakkaan osoo hin daangeffamiin salphaatti akka daddarbu godha, fakkeenyaaf fiat currency (maallaqa mootummaan oomishu) kana salphaatti daddabarsuuf crytp-n ni gargaara jedhu, innis maallaqaan crypto (Bitcoin haa jennu) bituun bakka biyya barbaachisutti ammoo gurguruu ykn dabarsuun ni dandaa\’ama jedhu.
Miidhaan isaa ammoo; crypto-n akka yaadametti secure (dhoksaa) miti jedhaniis ni qeequ, kana kun ammoo qaamni mootummaa transaction lammilee hordofuun basaasuu dandaa’a jedhu. Gara caalu garuu, yakka akka babal\’isus ni himama, qorichoora garaa garaa black market ykn dark web irratti bituu fi gurguruun beekamaa ta’ee jira. Akkasumas, eenyummaa isaanii dhoksuuf jecha hacker (haakerootni) daddabarsa kara cryptocurrency kana gochuun beekamaa ta’ee jira jechuudha.
Crypto-n Seeraan Eeyyemamaadhaa?
Dhorkaa miti. Kana jechuun kiyya guutummaatti eeyyemamaadha jechuu osoo hin taane, akka fiat currency oomisha crypro kana keessaa mootummaan harka waan hin qabneef dhimma kanaan walqabsiisuun guutummaatti yakka jedhanii mana murtii nama hin dhaabani.
Akkaataa daddabarsaa irratti garuu biyyootni seera mataa isaanii ni qabaatu jechuudha. Fakkeenyaaf biyyi El Salvador baatii mudee 2021 keessa biyya daddabarsa qarshiif Bitcoin eeyyemte ishee jalqabaadha. Biyyi China ammoo, tasuma crypto gargaaramani maallaqa daddabarsuu fi cryto oomishuun dhorkaadha.
Dhaabbatooni gurgurtaa (eCommerce) hedduun crypto kanaan hin gurguran. Fakkeenyaa amazon.com crypto kamiyyuu eeyyemuu baatus, karaa garaa garaa crypto kanaan amazon irraa bituun ni dandaa’a. Doolaaratti jijjiirachuu fi waaleetii ykn kupoonii garaa garaa ittiin bituun ni dandaa’a jechuudha.
Waan obsaa dubbiftaniif galatoomaa, gaaffii yoo qabaattan ammoo naaf barreessaa