Guyyaa uummame yookan gara dachii kanaatti dhufe irraa kaasee ilmi namaa jiruu guyyuu isaa itti fufsiisuuf jecha argannoowwan haaraa yaaluu fi malleen jiruu isaa salphisan kalaquu irraa oolee hin beeku. Kalaqqiiwwan kanneen keessaas inni tokko konkolaataadha.
Namoonni yeroo durii iddoodhaa iddotti socho’uuf malleen garagaraa kan akka beellada geejjibaaf oolan fayyadamaa haa turan malee kan akka konkolaataa motoraa geejjiba nuuf salphise hin jiru.
Konkolaataan, xiyyaarrii fi bidiruun motoraan hojjattan iddoodhaa iddootti socho’u keenya nuuf haa salphisan malee nuti ilmaan namaa har’as jiruun keenya isa amma nuuf salphate caalaa daran osoo nuuf salphates hin jibbinu. Mitii?

Jechoonni ‘self’ ykn ‘Autonous’ jedhan jechoota afaan Ingiliizii irraa kan fudhataman yommuu ta’an hiikni isaanis kophaa jechuudha.
Walumaa galatti “Self driving Car” yookan ammoo “Autonomous Car” jechuun konkolaataa qofaa isaa ta’uudhaan to’annaa namoota biroo osoo hin fayyadamin akkasumas haalota nannawa isaa jiran jechuunis: namoota, daandii, tiraafika fi konkolaattota biroo baruun ofiin adeemuu ykn konkolaachuu kan danda’uu dha.
Akkuma konkolaachisaan tokko saffisaa fi kallattii konkolaatichaa to’atu konkolaataan kunis gargaarsa namoota biroo osoo hin fayyadamin of to’achuu fi balaan akka hin muudanne taasisuu danda’a.

Gosti kalaqa konkolaataa kanaa technology ‘Artificial Intelligence’ yookan sammuu namtolchee jalatti kan ramadamu waan ta’eef konkolaatichi kan hojjatuu fi kan yaadu dandeetti ilma namaa fakkeesuudhaani.
Akkuma beeknu ilmi namaa qaamota garagaraa qaba isaanis qaamota miiraa (Ija, funyaan, gurra, gogaa), sirna narvii ( Sammuu) fi qaamolee gocha raawwachuu danda’an kan akka harkaa fi miilaa ti.
Akkuma ilma namaa, kalaqqiiwwan teeknoolojii sammuu nam-tolchee fayyadamanis qaamolee garagaraa kan hojii mataa isaani qaban qabu.

Akkuma namoonni qaamolee miiraa qaban, konkolaatan kuniifii roobotonni biroo meeshaa seensarii jedhamu qabu. Seensaroonni kunis kan akka kaameeraa konkolaatichaa suuraa naannawa isaa irra jiran fudhachuf isa gargaaran ta’uu danda’u.
Fakkaatti sirna narvii ykn sammuu ilma namaatif immoo konkolaataan kun piroosasarii yookan siippiyuu (CPU) qabu. Siippiyuun kunis odeeffanoo konkolaatichi seensaroota fayyadamuun argate kana fudhachuun xiinxallii keessa galchanii yaaduun murtoo kennu.
Fakkeenyaaf suuraa kaameraa konkolaatichaa irratti daa’imni xinnaan konkolaaticha jala bu’e yoo jiraate daa’imicha balaa irraa hanbisuuf jecha siippiyuun konkolaatichaa konkolaatichi akka dhaabbatu murtii kennuu danda’a.
Qaamni sadaffaan konkolaataa kanaafi teeknoolojiwwan walfakkaatoo biroo ‘Actuator’ jedhamuun beekkama; dalagaan qaama kanaatis murtii siippiyuu konkolaataa yookan kompitaraatin kenname raawwachuudha.
Qaamni ‘Actuator’ jedhamu kunis miila roobootii ykn gommaa(kololoo) konkolaatichaa ta’u mala.