Dhukkubni Kintaarotii (HEMORROIDS/BAASUR) dhibee yeroo hiddootni hudduu/munnee/Xiixxuu keessatti argaman dhiita’an fi mada’aan nutti dhufudha. wantoota kintaarootiin akka nutti dhufuf sababa ta’an keessa:
1. Hiddi dhiigaa guddichi kan garaa gadiitii gara onneetti dhiigaa geessu yoo uggurame
2. Goginsa garaa / Constipation
3. Furdina garmalee(mata biraan kan walitti deebinu) yeroo ulfaa
4. Infeekshiniin munnee deddeebi’ee yoo nama qabe.
5. Sosochii qaamaa gochuu dhiisuu.( guyyaatti sa’ati 3fi sana ol bakka tokko ta’uu ykn ciisaa oolu) fi 6. Umuriin dabaluu
Mallattoolee Kintaarotii
2. Dhiitaa xiqqoo munnee keessatti namatti dhagahamu.
3. Hooqsisu hudduu fi naannawaa udduu namatti dhagahamufi waantoota furrii faffakkatan udduun ba’u.
Furmaata Isaa
2. Gaafa boolii baanu waraqaa lallaafaa ykn bishaan fayyadamuu
3. Bishaan ho’aadhaan naannoo dhukkuba sana dhiqachuu ykn cabbii huccuu haphiifi qulqulluu ta’een maruun daqiiqaa muraasa irratti qabuu.
4. Booliin osoo nu hin qabne gara mana fincaani deemu dhabu fi yeroo dheeraaf ittanuu dhiisu.
5. Jirbii cuunfaa loomiin jiisuun iddoo sanarratti qabuu.
6. Guyyaatti bishaan haga liitira 1.5 haga 2 dhuguu kan nama kamuuf ajajamu.
7. Dawa dhibee biraaf kennaman kan gogiinsa garaa ykn yaasaa fidu danda’an haga danada’ametti hirdhisu.
8. Nyaata cooma qabaniif haga alkoolii fudhatan hirdhisu fi kkf.
Haala armaan olii kana fayyadamne furmaatni hin dhufu taanan gara mana yaalaa deemun. Yaalaa dawwaa ykn baqaqsanii hodhuu argachuun ni danda’ama .kunis haalaafi nama ajajamuuf adda adda waan ta’uu maluuf hogeessa waliin maloota jiran mari’achuun fala argachuun kan danda’amudha.
GALATOOMAA
@ Dr Abdi B (MD), To be Healthy is to be Wealthy.