Beekumsi waa’ee smartphone / mobaayila baay’ee barbaachisaadha. Gosti mobaayilaa hedduu baay’atus beekumsa fundamental ta’ee yoo qabaanne nu fayyaduu mala. Kanaaf, barreefama dheeraa armaan gadii mobaayila bituu jedhu kana hanga xumuraatti dubbisuun qabxii muraasa argachuu dandeessu.
Yeroo ammaa keessa, bilbila harkaa fayyadamuun wanta hedduu hojjechuun ni dandaa’ama. Fakkeenyaaf bilbila namaaf bilbiluu irraa hanga muuziqaa dhaggeeffachuu, video waraabuu fi kallattiin dabarsuu (live stream) online bituu fi gurguruu fi maallaqa garaa garaa daddabarsuuf ni gargaaru.
Kanaa olitti ammoo faayidaan bilbilaa (smartphones) fageenya heedduu irratti (remote) ta’anii meeshaalee kara intarneetii fi karaalee qunnamtii kaanii fayyadamuun to’achuu irraa hanga dronii, konkolaataa, saatalaayitii fi meeshaalee socho’anii fi hin sochoone hordofuu fi to’achuu irra kutee jiraachuun ni beekama.
Gostii fi faayidaaleen smartphones / bilbilootni baay’achuu irraa kan ka’e, kan bilbila barbaadnu gatii madaalawaa ta’ee adda baafnee beekuu ti bitachuun hedduu rakkisaadha.
Bilbila gosa isa kamtu filatamaadha?
Namootni akkuma bifa isaanii filannoo garaa garaa qabu. Bakka jireenyaa, dinagdee, fi wantoota hedduu yaada keessa galchuun filannoo namootaa kana qoqqooduun ni dandaa’ama. Fakkeenyaaf, akka Statcounter ifoomsetti guyyaan barreeffama kana barreesse bilbilli SAMSUNG gabaa biyya keenya 49.05%, Techno 14.3% fi Huawei 8.49% qabatanii argamu. Yeroo wal-fakkaataatti USA keessatti ammoo Apple 57.02%, SAMSUNG 29.11% fi Motorola 4.77% parsantaan kaan bilbiloota gosa hedduu ta’e qabata jechuudha.
Kanaaf, filannoon smartphone namootaa kun subjective (filannoo abbaarratti kan hundaa’e) dha.
Yeroo Mobaayila bituu yaadnu
Gosa/brand kamuu yeroo bitnu wantoota muraasa armaan gadiin madaaluun barbaachisaadha. Madaalliin armaan gadii kun gatii madaalawaan bilbila gahaa ta’e akka bitannuuf kan nu gargaaranidha. Garuu namni kamuu waan itti fayyadamuu barbaadu sammuu keessaa waan qabuuf inni tokko isa tokko bakka bu’uus hin danda’u. Namni suur-sagalee/video waraabuu barbaadu waa’ee camera bilbilaa beekuun gaarii ta’a jechuu kiyya.
Price/Gatii
Akkuma baay’ina isaanii gatiin bilbilootaa/smartphones baay’ee walirraa fagoon ni jiru. Kanaaf, akka kiyyatti dursee waa’e bajata kiyyaa fi gosa bilbilaa ani bituuf deemun yaada. Sababni isaas, bilbila orjinaala tokkoof gatiin isaa fi qulqullinni/quality isaa waliin deema jechuudha. Bilbila kan nuti bituu yaadne faayidaa kanneen akka ittiin bilbiluuf, ergaa erguuf, intarneetii ittiin fayyadamuuf fi faayidaalee muraasa qofaaf yoo ta’e gatii hedduu baasuu hin barbaachisu jechuudha.
Namni akka kiyyaa bilbila isaa faayidaa hedduuf itti fayyadamu, fknf suura kaasuu, video waraabuuf, app garaa garaa debug ittiin gochuuf sensor garaa garaa irraa fayyadamuuf bilbila gatii olaanaa fi giddu galeessaa madaallii armaan gadii yaada keessa galchuun bitachuun gaarii ta’a.
Camera/Kaameraa
Kaameraan bilbilaa filannoo namoota hedduuti. Madaalliin kanaa qulqullina suuraa bilbilli tokko kaasuu danda’u irratti hundaa’a. Qulqullinni kun ammoo wanta hedduu of keessaa qaba. Fknf, fuula duraa fi duubaan suura kaasuuf hangaan MP (megapixel) madaalama, baay’ina leensii inni qabuun, autofocus speed/ariitii inni ittiin focus godhu fi waan kaanin ilaalama. Dabalataaf waa’ee Camera Bilbilaa bal’inaan dubbisaa.
Memory/Kuusaa
Memory kan jedhamu yeroo baay’ee RAM (random access memory) isa jennudha. RAM kun egaa primary memory jedhama, kuusaa CPU / processor bilbila keenyaatti dhihoo ta’ee fi CPUn deetaa ammaaf barbaachisan kan irra kaa’u fi irraa dubbisudha. RAM guddaa qabna jehuun salphaamatti app garaa garaa hedduu wal-takkaa banuu fi fayyadamuu dandeenya jechuudha. Yeroo baay’ee bilbilli 4GB RAM fi isaa ol-qabu gaariidha.
RAM alatti kuusaan murteessaan app itti feenu, muuziqaa fi suuralee akkasumas dokumentii garaa garaa baachuun nu fayyadu storage/internal storage kan jennudha. kuusaan kun guddaa yoo ta’e wantoota hedduu bilbila irratti qabachuu dandeenya jechuudha. Kunis, 64GB fi isaa ol-osoo ta’ee bareedaadha.
Design/Saxaxa
Kun ammoo bal’ina fuullee/screen, furdina bilbilaa fi kanneen akka bakka fingerprint-faa ilaallata. Bal’ina screen yoo ilaalle diagonal isaa murteessaadha. Yeroo baay’ee bilbila kiyya harka tokkoon fayyadamuun waan natti ulfaatuuf harka lamaan fayyadamuun dirqama. Kanaaf bililli hedduun isaa inchii (inch) 5.5 dha. Kuna ammoo, medium sized screen kan jedhamuudha. Akka kootti bilbila diagonal size kana ol-qabu hin bitu tablet yoo ta’e male.
Kaan ammoo haphina (depth) fi ulfaatinni bilbilaa hedduu barbaachisaadha. Ykn how slim is your phone? kan jedhuuf deebii kennuudha. Fakkeenyaaf bilbilli haaraan Apple ammaa iPhone 14 7.8mm haphata jechuudha. Kiisa keenya keessa kaawwannee deemuuf akka salphatuufi baachuuf akka tolutti yoo hojjetame bilbilli kun isa kaan irra filatamaa ta’a. Haalluu fi akkaataan taa’umsa camera quality bilbilaa ibsuu dabdaa’a.
Battery/Baatrii
Turtiin baatrii bilbilaa keenyaa akka itti fayyadamaa irratti hundaa’a, wantootni nuti faayadamnus murteessoodha. Fakkeenyaaf, muuziqaa dhaggeefachuu fi intarneetii fayyadamuun walqixa miti. Intarneetii fayyadamuu, gaamii taphachuu videoo garaa garaa edit gochuun warreen baatrii akka bishaanii dhuganidha.
Garuu walitti aansuun intarneetii hanga sa’aa 9 fayyadamuu dandeenyaan hedduu bareedaadha. Battery bilbila 3500mAh irraa eegala. Kanaaf bilbila battery 4000mAh olii bitnaan guyyaa gutuu fayyadamuu ni dandaa’ama.
Dabalataan
Qabxiileen armaan olitti tarreeffaman muraasadha garuu akka qorannoo kiyyatti murteessoo kan ta’anidha. Of course, baay’een isaani walitti dhufu male quality inni tokko qofti faayidaa hin kennu. Fakkeenyaaf, camera gaarii qabaatee storage xiqqaa yoo qabaate camera keenya faayyadamuuf external storage nu barbaachisa sababni isaas hangi suura nuti kaafnu guddaa waan ta’uufi. Processor (CPU) isaas ariitii yoo hin qabaanne suura kaafne kana akka garaa edit godhuu fi itti fayyadamuun rakkiisaadha.
Akkumma beekamu filannoon namootaa brand irrattis ni hundaa’a, brand loyal waan jedhamu sani. Fakkeenyaaf ani bilbila walfakkaatu brand garaa garaa yoo ta’e say SAMSUNG fi Techno. Techno qabachuu hin fedhu, psychology akka ta’e naaf gala. Dabalataanis, Operating System (OS), Security, Network fi Wireless Connectivity garaa garaa akka quality ittiin madaaluu hin dandeenya.