Gogiinsa garaa kara science ibsuuf yaali godhameen hiika kana kan jedhamu kan hinargamaniif ta’u mala sababiin isaas, namoota adda addaaf hiika addaa qabaachuu mala.
Fakkeenyaaf torbanitti si’a 3 gadi booli ba’u dhabuu, ittansuu cimaa gaafachuu, akka waan booli hin fixatiin namatti dhaga’amu, yeroo dheeraaf booli irra turuu, waan akka udduun nama ciqqaalame namatti dhaga’amuu, boolii baasuuf harkaa gargaaramuu fa’a ta’u mala.
kana malees gogiinsi garaa kun gosa 2 ta’u mala, isaanis: Acute/ammee/ fi chronic/bulaa
Isaan kana adda baasun cimus turtii baati 3 haga 6 fayyadamna. Wantoota sababa ta’u jedhamanii yaadaman keessa kanneen akka:
- Dhukkuba sukkaaraa
- miidhamu spinal koordii
- ulfa/garaatti qabachuu
- hypothyroidism ykn kan huccuba jennu sana( mata duree biraan kan walitti deebinu)
- hirina potasiamiin(hypokalemia)
- qorichoota(dawaa) waa biroof fayyadamnu fkn. Antacids,iron,dawa dhiiga danfaa muraasa isaani,…..
- dhibee sammuufi dawaa isaani muraasa hunda miti.
- dhibee akka kaancarii marrumaani. . .
Ittisaa fi Furmaatota
Bishaan ga’aa haga litira 2 guyyaatti dhuguu, soschii qaamaa gochuu, nyaata kuduraafi muduraa baayisuu, ulfaatina humnaa olii hirdhisu, kan yeroo ulfaa ta’uuf hordoffii ulfaa gochuu fa’i.
Kanarra darbee kan nama dararuu yoo ta’ee mana yaalaa deemuun ogeessa dubbisani yaala barbaachisu argachuun kan danda’amudha.
Galatoomaa!
@ Dr Abdi B (MD), To be Healthy is to be Wealthy.