Addunyaa TikTok gubbaarra waantota nama bashannansiisanii fi ergaa dabarsan keessa inni guddaan TikTok Effect dha. Effect gosa heedduuti jira, uumuudhaafis tola. Dabalataan Dhaabbatni TikTok badhaasa garaa garaa namoota hojjii gaggaarii hojjetan ni badhaasa.
Maxxansa kana keessatti TikTok Effect salphaa ta’e Face Sticker akkamiin akka hojjenu isin barsiisa hubannoon hordofaa itti fayyadamaa. Sticker koo Alaabaa Abbaa Gadaa Fuuula Namootaa Irra Akka Mul’atu Gochuudha.
- Account (eenyummeessaa) TikTok qabaachuu.
- TikTok Effect House Download gochuun Kompiwutera keenya irratti install gochuu
- Eenyummeessaa keenya waliin walitti hidhuu (connect gochuu)
- Gosa Effect Filachuu.
- Suura/Barreeffama Filter-iif ta’u fayyadamuu.
Account (eenyummeessaa) TikTok qabaachuu
Filter create gochuuf dursa account TikTok active ta’e ykn itti fayyadamaa jirru ykn haaraa banachuu nu barbaachisa. Account haaraa banachuun salphaa wan ta’ee Google Play irraa app buufachuun email/bilbila fayyadamuu qabna jechuudha. Erga banannee booda;
TikTok Effect House Download gochuu
Link TikTok Effect House hordofuun mosaajii kana computera keenya irratti install godhanna. Software/mosaajiin kun tola waan ta’ee gosa computer keessaniif ta’u filachuun buufadhaa. Install gochuuf, default installation hordofuun gahaadha.
Eenyummeessaa keenya waliin walitti hidhuu
Erga Kompiwutera keenyarra install godhannee booda;
- App TikTok bilbila keenyarra jiru banuun
- Profile keenyaarra deemne Add Friends bakka jedhu tuqna.
- QR Code Scanner gubbaarra gara harka mirgaa jirtu tuquun QR Code fuullee computera keenyaa irra jiru Scan goona jechuudha. Second muraasa wan ta’eef refresh gochaa yaalaa.
- Bilbilli keenya erga sirriitti nuuf dubbisee booda eeyyema nu gaafate Confirm goona.

Project Haaraa Uumuu
Akka armaan gadiitti bakka Add Project jettu cuqaasuun, Gosa effect barbaaddanii filattu. Fakkeenyaaf ani Face Effect jala Face Sticker filadhe.


Project Kana erga create gonee booda, suura Alaabaa – Computer Keenya irraa ykn bakka gara biraa irraa import gochuun edit goona
Suura/Barreeffama Filter-iif ta’u fayyadamuu
Gara harka bitaa irra mallattoo ida’uu ykn + cuqaasuun, import jennee from My Computer kan jennu filanna jechuudha. Achii booda;


- Gara harka mirgaa deemuun bakka Image jedhu jalatti Image Default Material jedhu cuqaasuun
- Popup Menu dhufu bakka Texture jedhu jalaa suura keenya fulanna.
- Achuma Image kan jedhu jala deemuun suura keenya edit gochuu dandeenya jechuudha. Fakkeenyaaf ani Draw Mode kan jettu gara Ellipse-tti jijjiireen jira.
- Hojii keessan maal akka fakkaatu ilaaluuf, bakka preview on tiktok jettu cuqaasuun, bilbila keessan irra seenuun akkuma duraa Add Frends jechuun QR Scan gootu jechuudha.
- Dhumarratti; button Submit jettu cuqaasuun odeeffannoo barbaachisan guuttu kanneen akka Logo, Title, fi odeeffannoo dabalataa tag fi description galchuun xumuruun gara TikTok-tti ergitu isaanis review godhanii isiniif deebisu jechuudha.