YouTube Partner Program - Qubee Touchpoint

YouTube Partner Program (YPP) Maali?

Chaanaaliin keessan YouTube Partner Program (YPP) eegale jechuun, YouTube waliin biiznesii hojjechuuuf walii gale jechuudha. Biiznasii beeksisaa fi kanneen muraasnis jiru. Kanaaf, YouTube dhaabbatoota oomisha beeksifachuu barbaadan fiduun chaanaalii keessan irratti beeksisa hojjeta jechuudha. Kanaa YouTube daldalaadha.

YouTube Partner Program join gochuun, YouTube Studio irraa faayidaa garaa garaa akka fayyadamnu nu godha. Dabalataan galii akka qooddannuuf nu gargaara, jecha jechaan kaa’uuf, YPPn

Revenue sharing from ads being served on your content.

YPP Eegaluuf Ulaagaalee Barbaachisan

1. YouTube Channel Qabaachuu – Namni kamuu chaanaalii banachuu ni dandaa’a garuu chaanaalii monitized ta’uu danda’u ykn YPPn fudhatama qabu banuu barbaachisa. Kana jechuun YPPn biyyoota hunda keessatti hin hojjetu jechuudha. Fakkeenyaaf, Ethiopia biyyoota kana keessa hin jirtu.

Kanaaf, Gmail fi Channel gaafa bannu Biyyota Illegible ta’an kanneen keessaa filachuu barbaachisa. Namootni baay’een United States filatu.

2. Chaanaaliin keessan seerota ykn ulaagaalee YouTube channel monetization policies kan eege ta’uu qabachuu qaba.

3. Active Community Guideline Strike(s) kan hin qabne ta’uu. Community Guidelines strike basics on YouTube – Videon keessan wantota dhorkamoo ta’an kan hin qabne. Fknf video saal-qunnamtii, link deceptive ta’an, waanta daa’imman miidhan, jechoota hin barbaachifne fi kkf.

4. Two-step Verification – account/eenyummeessan keessan enabled ta’uu qaba. Bakka kana tuquun check godhi.

5. Chaanaaliin keessan advanced features qabaachuu qaba – Kana argachuuf, gara YouTube Studio seenuun – Settings – Channel – Features Eligibility argachuu dandeessu. Kanaaf, Advanced Feature banamaa ta’uu ilaalaa.

YouTube Advanced Feature |YouTube Partner Program | Qubee Touchpoint

7. AdSense for YouTube ykn AdSense YouTutubef ta’u qabaachuu – Bal’inaan maxxana Google AdSense Beektaa kana dubbisi.

YouTube Partner Program iyyachuun dura

Chaanaalii ulaagaalee armaanaan olii guute erga qabaannee, YPPf maamila ta’uuf iyyata galchanna. Ykn Apply goona jechuudha. Iyyachuuf ulaagaalee dabalataa armaan gadii guutuu qabna;

  1. Subscribers 1000 fi baatiilee 12 darban keessa public watch hour 4000 qabaachuu. Watch hours jechuun videon chaanaalii keessan irraa jirun (public kan ta’e) sa’aa idaa’amaan saa’aa 4000 ilaalamuu qaba. Ykn,
  2. Subscribers 1000 fi baatiilee 3 (ykn guyyoota 90n) darban keessa short videon keessan views (hours osoo hin taane) miil. 10 qabaachuu.
YouTube Partner Program Requirements | Qubee-Touchpoint

Yaadadhu – YouTuber haaraaf subsribers 1000 argachuurra watch hours 4000 argachuuti ulfaata. Akka tip-tti video 100-rraa sa’aa 4000 argachuurra video bareedaa 1 irraa watch hours 4000 argachuun salphaadha. Sirriiti qorannoo geggeessuun jechuu kiyya.

Akkasumas, sort video irraa view miil. 10 argachuun isa kaan irra salphata.

Ulaagaalee kana akka guutnee fi/ykn apply gochuuf gara YouTube keenyaa deemuun, Earn bakka jettu ilaaluun ni dandaa’ama. Milkoofne yoo ta’e Apply Now jechuun iyyata galfachuun ni dandaa’ama.

Galatoomaa

About The Author