Urdii fakkaachuu qaama daa'imaa

Keelloo fakkaachuu qaama daa’ima kichuu

Urdii ykn keelloo fakkaachuu qaama daa’ima kichuu, kan inni uumamu yeroo hammi keemikaala bilirubin jedhamu seelii dhiiga mucaa sana keessa jiru hammi isaa baayatu ykn humna ol ta’u yoo ta’u, kuni sababa mataa isaa danda’e adda addaa qabaachu mala. Kanumarra ka’uun miidha dhabuu hanga miidhaale cimoo fiduuu mala.yeroo baayee miidhaa salphaa kan fidu ta’us garuu yaala barbaadu nii malu.

Wantoota akka sababaatti ka’an

Isaan kana salphaamatti warreen sababa jijjirama uumamaan(physiologic) yookiin sababa dhukkuboota biroon(pathologic) jenne qooduu ni dandeenya.
1. Sababa uumamaan/physiologic jaundice maali: Inni kun baayinaan kan mudatu ta’ee, warreen sababa ta’uufii malan muraasa kaasuuf, garaacha mucaa keessatti hammi seelii barbaachisan hirdhachuu, harma haadhaa ga’a ta’e hodhuu/lugu/ dhabuu, keemikaalonni harma keessatti argaman daa’ima kichuu kanaan yoo bullaa’u yoo dadhabaan keessumaa dhalatee guyyaa muraasa keessatti fi daa’mni yoo utuu yeroo isaa hinga’iin kan dhalate yoo ta’e keemikaalli kana haalaan qulqulleessu dadhabuurraan dhufu mala .

Isaan armaan olii yeroo heddu kan mullatan ta’anii maallattoon isaas kan ofumaan guyyoot 10 haga 14 tti fayyuu .dabalataanis harma ga’aa ta’e hoosisuufi aduu ganamaatti baasuun yaala dabalataa ta’aaf.

2. Dhukkuboota biroon kan dhufan/pathologic jaundice/. Dhukkuboota hedduun dhibee kana kan fidan ta’anis, kanneen beekamuu qaban keessaa kan akka,gosti dhiiga haadhaa fi mucaa adda adda ta’uu, infeekshinoota bakteeriyaa ykn virasiin namatti dhufan,maramuu marrummaani ,yeroo da’umsaa sababa adda addaan dhiigni mataa mucaa gidduutti kuufamuu fi kkf.

Mallattoolee Urdii (sababa lamaaniif)

  • Gogaan qaamaa urdii/keelloo/ ta’uu kunis yeroo baayee fuularraa garaa miilaatti kan deemu(hundarratti miti)
  • Iji mucaa keelloo fakkaachuu
  • Yeroo booyutti iyya humnaa olii ykn hinbaramneefi yaaddeessa ta’e
    *hirriba dhabuu ykn hirribaa ka’uu dadhabuu
  • Harma hodhuu dadhabuu Yoom mana yaalaa geessuu qabna?
    1. keelloo ta’uun qaamaa jilbaa gadi yoo darbe
    2. Rafee ka’uu yoo dide
    3. Duugda ykn morma duubatti cabsuu yoo eegale/te
    4. Hoollanna yoo qabaate
    5. Sossobbin yoo dadhabame
    6. harma hodhuu yoo dadhabe/de

Yaala Isaa

Yaalli dhibee kanaa akkaata sadarkaa isaarratti hundaaye kan kennamu yoo ta’u harma ga’aa hoosisuu haga phototherapy darbees dhiiga guutuu jijjiiru gaafachu mala .
Galatoomaa
@ Dr Abdi B (MD), To be Healthy is to be Wealthy.

About The Author