Dhibeen Alhawwaasummaa kan akkaa hawaasa keessatti itti gaafatamuummaa dhabuu, miiraa dhabummaa fi balleessummaan namatti dhaga’amuu dhabuuti kan ibsamu ta’ee umurii ijoollummaa ykn jalaqaba dardarummaa irraa mullachuu kan eegaluufu jireenyaa namaa kara hedduutin kan hubudha.
Wantoota Alhawwaasummaa sababa ta’uu fi malan
- Maatiin diinagdeen gadi bu’aa ta’u
- Genetiksii(genetics)
- Maatii dhibee wal fakkaata qabu fi mirga ijoollee sarbuu
- Araada adda addaa qabaachuu
- Dhukkuba miira namaa jeeqan ykn mood and anxiety disorder qabaachuu
- Barumsaan dadhabaa ta’u fi kkf ta’u.
Mallattooleen dhibee Alhawwaasummaa
Mallattooleen dhibee kanaas ijoollee irratti amala akka: hiriyoota waliin wal lola baayisuu, maatiin fi hogganaa ofiin wal loluu, hanna(hattuu ta’u), abidda qabsiisun waa mancaasuu, bineeldaafi ijoolleeti garaa jabaachuu, barumsatti milkaa’ina dhabuu, manaa baduu.
Mucaan kun yeroo nama guddaa ta’u mallattoole inni muldhisu kan umurii isaa fi itti gaafatamuumma isaa waliin wal hidhatu ta’a isaan keessaa muraasni: hojii isaatti milkaa’uu dhabuu kunis, hojii irraa hafuun, yeroo yerootti gosa hojii jijjiiruurraan, hojiirraa ari’atamuun fa’a ta’a mala, akkasumas sobduu ta’uun kakaa baayisuu, umurii malee gochoota walqunnamtii saalatti hirmaachuu, matii dhaabbataa uummachuu dhabuu faa.
Amalootni armaan olii kunis dafee kan eegalu keessumaa umurii barumsaa jala ta’ee garuu walumaa galatti umurii 8 tti 90% irratti ni muldhata. Yaala dhukkuba kanaaf psychiatrist bira deemuun barbaachisadhas.
@ Dr Abdi B (MD), To be Healthy is to be Wealthy.