The so-called Satoshi Nakamoto

Bitcoin eenyu uume

Gaaffiin ‘Bitcoin eenyu uume’ jedhu kun google irratti yeroo hedduu kan gaafatamu yeroo ta’u, kan nama ajaa’ibu garuu deebiin isaa maqaa nama hin beekamne tokkooti. Satoshi Nakamoto jedhama, maqaa sobaati (fake name).

Akkuma beekamu Bitcoin (BTC) farankaa digitaalaa ykn Cryptocurrency (Bal’inaan dubbisi) isa jalqaabati. Namni dhuunfaa ykn garee, dhiira ykn dhalaa hin beekamne kun Satoshi Nakamoto jedhame kun Bitcoin akka uumeetti barreessaa (author) waraqaa teeknikaa, the Bitcoin White Paper, ‘Bitcoin: A Peer-to-Peer Electronic Cash System‘ jedhamurratti bara 2008 (ALA) maqaan isaa/ishee/isaanii beekame. 

Waraqaa kanarratti, tiyoorii fi akkaataa kafaltii ykn daddabarsa maallaqaa BTC ibse. Akkuman barreefama Waa’ee Cryptocurrency maal beekta? jedhurratti barreesse, Crypto-n sirna amantaan (trust) hojjetu osoo hin taane ragaadhan (proof based) kan hojjetudha.

Kana jechuun, maallaqa kana fake/duplicate/fraud gochuun hin dandaa’amu jechuudha. Transaction hundi Block chain irratti waan galmaa’uuf jecha.

Egaa namni kun waraqaa lammata bara 2009tti maxxanserratti, Bitcoin akka uume dubbate. Namni kun email/ergaa bara 2014 namootaaf barreesseen, ‘hojiilee kanitti deebi’eera‘ jedhee ture.

Sababni dhoksaa kanaa waan heddu waan of-keessa waan qabu fakkaata. Sirni crypto kun yeroo ammaatti gabaa addunyaa kana fi sirna faayinaansii hedduu sochoosaa jira. Eenyummaan isaa tasa baramuu waan hin dandeenyeef hanga har’aati wanti qabatamaa ta’e hin jiru.

Shakkiin jiru ammoo, wallet (account) nama kanaa irraa gara wallet kaanitti transaction ta’e ykn dabarfame waan hin jirreef namni kun biliyeenera jedhamee amanama. Gariin Ellon Musk jedhus ni jira.

Ellon Musk shakkuun sirrii natti fakkaata, sababni isaas namni kun nama cimaa baay’ee teeknikaal ta’edha. Jalqabas teeknoloojii kanneen akka PayPal kan uume isa ture. Amma ammoo biiliyeeneraa fi abbaa qabeenyaa SpaceX, Tesla, Twitter fi projektiilee hedduus nama qabudha. Inni garuu ana miti jedheera.

Akkasumas namootni heddun shakkamaa turani jiru. Fakkeenyaaf nama Dorian Satoshi Nakamoto jedhamu ogeessa fayyaa lammii Jaappaanii fi Ameerikaa tokkos shakkamee ture, innis ana miti jechuun deebiseera.

Kanumaan bara 2014tti yeroo dhumaaf, fooramii maqaa Satoshi Nakamoto kanaan barraa’e irratti, “ani Dorian Satoshi Nakamoto miti.” jechuun burjaajii addunyaaf dhiisee achumaan bade hafe.

Galatoomaa!

About The Author