Baga gammaddan! Dhaabbatni Google, Afaan Oromoo (Oromo Language ykn Oromo) afaanota 23 dabalatee gaafa Caamsa 11, 2022 hiikkaa afaanii ykn google translate akka dabale gaafan dhagahu gammachuu guddaatu natti dhagaahame.
Afaanota 24 dabalaman keessaa, Oromo-n baay’ina fayyadamtootiin Bhojpuri fi Lingala -tti aansuun sadaffaa irratti kan argamuudha. Google har’arratti afaanota 133f hiikkaa afaanii akka qabu dubbata.
Hiikkaa Oromo kana, gumaacha (baay’in hima hiikamanii fi mirkaa’anii) 285, 500 irratti kan hundeeffateedha. Kanneen keessaas, Ingiliffaa gara Oromo-tti kan hiikaman hiimoota 63, 400 fi kanneen mirkaneeffaman ammoo 221, 600 akka ta’an fi Oromo gara Ingilifaatti kanneen hiikaman 600 akka taa’an hangan maxxansa kana barreessutti mirkaneeffadheera.
Kanaaf, hiikkaan afaanii kun fooyya’ee akka itti fufuuf gumaacha gochaa itti fufuun baay’ee barbaachisaadha. Email keessan fayyadamuun hidhaa kana hordofaa Google Translate
Maxxansaa dheeraa barbaachisummaa hiikkaa afaanii kanaan hanga walitti deebinutti nagaan tura.