Dhaabbatni Microsoft Kanaan dura Windows 10 Operating System (OS) (?), OS isa dhumaa (garuu version garaa garaan) akka ta’e.
dubbachaa ture, haa ta\’u male dhihoo kana yaada jijjiirachuun, OS haaraa Windows 11 gaafa guyyaa Wax 24, 2021 waaree dura sa’aa shanitti kara online akka beeksisu ibse.
Ta’us gaafa Wax 15, 2021, beeksifamuun dura odeeffannoon kara online hatamee ba’uun suurri (screenshot) yeroo jalqabaaf tieba.baidu.com irratti maxxanfame. Osoo hin turiinis, Windows 11 OS kun guutuun (100% jechuu miti) gadi lakkifame.
Akka mul’atetti, walqunnamni (User Interface) babbareedaa akka qabuufi light-weight (salphaa) akka ta’es ni dubbatama. Amala (feature) Kanneen keessaa muraasni:
Taskbar agarsiiftuu (screen) keenyara gara jalaa bitaatti ture, akka fedha fayyamaatti gidduutti dhufuu dandeera. Akkasumas, tray area kan jennu jalee agarsiiftuu keenyaa gara mirgaatti kan argamu akka qulqullaa’ee bareedeefi Startup icon startup (?) saajoo (icon) akka jijjirame agarsiisa.
Mosaajiileenis gaafa banaman round-corner (?) akka qaban, theme (?) haaraa, background (?)f halluu babbareedaa fi shadow (gaadidduu) baareedaas akka qabaatu ni mul’ata.
Walumaa galatti, Windows 11 kun OS duraan ture (windods 10/10X) irratti amala sasalphaa dabale male saxaxa (design) haaraa akka hin taanes ni dubbatama.
Kanaaf, yeroo dhihootti guutuun isaa akka gadi lakkifamu fi Microsoft Windows 10nif gargaarsa garaa garaa bara 2025 irraa kaasee akka dhaabus beekameera. Ballinaan walumaan eegna!