Hiika Afaan Oromoo

Hiika Jechoota Afaan Oromoo

Akkuma beekamu, galmeen hiika jechoota afaan oromoo baay’inaa fi akkaataa barbaachisuun argachuun hedduu nama rakkisa. Galmeen jiranis bifa kitaabaan (print) qofaan malee akka marsariitii (website) online wanti argannu tokko hin jiru.

Akka deetaan agarsiisutti, guyyaa gaafa Google Afaan Oromoo, Google Translate-tti dabalee kaachisee lakkoofsi namootaa Afaan Oromoo fayyadamuun Google Search godhanii daran dabalaa jira, jajjabeeffamuus qaba. Kaayyoon dhaabbata kanaas kanuma, namni tokko afaan isaa fayyadamuun odeeffannoo akka argatuu fi irraa fayyadamu gochuudha.

Analytics website kiyya akka natti himuutti torbanoota lamaan kana keessa qofa hiika jechoota afaan oromoo, galmee hiika jechoota afaan oromoo fi hiika jechootaa kan jedhan akka search query-tti google search irratti katabamaa oolu.

Maaltu mala?

Guddina afaanii jechuun waa hedduudha, fakkeenyaaf hiika jechootaa afaan tokko gara afaan kaanitti keesumaa gara afaan isa guddaatti hiikuun barbaachisaadha (ykn Oromo to English). Akkasumas, jechoota afaanichaa ammoo afaanichumaatti hiikuun isa lammataati.

Akkuman dura ibse, namootni hedduun hiika jecha afaan oromoo gara afaan oromootti akka hiikamu heddu ni fedhu, kanaaf kitaaba maxxansuun dabalatatti website/marsariitii irratti hiika jechootaa/dictionary ol kaa’uun baay’ee barbaachisaadha.

Afaan Ingiliffaa yoo ilaalle, dictionary-n Merriam-Webster kara kitaabas kara online tajaajila addaa kennaa jira jechuudha. Akka dhaamsaatti namootni hiika jechootaa qabdan, guuruu dandeessan gargaarsa gama teeknikaan yaadda’uu hin qabdan, kara keessaan na qunnamuu dandeessu.

Bakka jirtan teessanii na qunnamuu dandeessu, hiika jechootaa guurree qindeessinee online dictionary Afaan Oromoo gara Afaan Oromootti hiiku waliin haa hojjeenu.

Galatoomaa,
Elias Debelo jechuun na argachuu dandeessu.

About The Author