Non-fungible Token (NFT), deetaa adda ta’ee fi kannee biroon kan hin jijjiiramnedha. Kunis, intarneetii irratti Cryptocurrency fayyadamuun deetaa bitamuu fi gurguramu, akkasumas teeknoloojii Blockchain jedhamu irratti kan ijaaramedha.
Fakkeenyaaf Crypto, Bitcoin yoo fudhanne, baay’inni Bitcoin gabaa irra jiruu hangaa haa beekamu malee Bitcoin tokko isa kaan waliin hangi isaa tokkodha. Kana jechuun ammoo, wal-jijjiiruu ykn bakka wal-buusuun ni dandaa’ama jechuudha.
Fakkeenya kan biraa haa ilaallu, fakkii Leonardo da Vinci kaase, Mona Lisa tokko qofati jira. Kun non-fungible jedhama jechuudha. Ykn yeroo baay’ee, “It is one-of-a-kind.” jechuun ibsu. Fakkii jiran hunda keessaa, Mona Lisa tokko qofaatu jira, kun ammoo gatii guddaa baasa jechuudha.
NFT-n egaa qabeenya dijitaalaa kanneen akka suuraa, suur-sagalee fi sagalee fa’i. Kunis, hojiilee artii, muuziqaa fi kkf bakka bu’u.
NFT Akkamiin Hojjeta
Akkuman amma jedhe, duuba NFT kanaa ijaarsa teeknolooji Blockchain jedhamuuti jira. Neetworkii blockchain kanarratti qabeenyi dijitaalaa (digital asset) kun yeroo galmaa’u ID (eenyummeessaa) addaatu kennamaaf. Computer-ootni miiliyoonotaan lakkaawaman neetworkii kanarraa hundi NFT kana ni beeku jechuudha. Blockchain beekamaan NFT kun Ethereum Blockchain jedhama. Kanis ni jiru.
Namni tokko qabeenya isaa yeroo neetworkii kanarratti ol-baasu, certificate of authenticity (waraqaa adda ykn orginal ta’uu agarsiifu) fi proof or ownership (ragaa abbumaa) ni kennamaaf jechuudha. Kana jechuun, namni NFT Mona Lisa kana bite abbumaa dijitaalaa argata malee qabeenyi (intellectual right) kun kanum Leonado da Vinci dha.
Kanaaf, qabeenya dijitaalaa (digital asset) kee caal-baasiif dhiheessita, namni bituu barbaadu sirriitti ilaalee bitata jechuudha. Yeroo gurguramu kanatti, transaction kun computer-oota blockchain kanarra jiran mararratti galmaa’uun abbumaan asset kana gara account (eenyumeessaa) nama isa bitateetti galmaa’a.
Tole. Namni tokko suura kana screenshot ykn download godhachuu osoo danda’uu maaliif qarshii itti baasa yoo jettan, namni kun fakkii kanaaf NFT hin qabu taanaan gatii maalii baasaaf? Callifnee bilbillarra kaawwachuu jechuudha.
Ajaa’iba NFT
Meme beekamaa “Coffin Dance” jedhamu beektu, namoota saanduqa reeffaa baatani sirban biyyaa Gaanaati. Daansiin kun, “du’a yeroo malee” agarsiisuuf akka hojjetan ni dubbatama. Baatii Ebla 9, 2022 daansiin kun Cryto, 327.00 ETH ykn yeroo sanatti $1,000,000 tti gurgurameera.
Qaallich Jack Dorsey jedhamu, Twitter co-founder dha. Maxxansa twitter isaa yeroo jalqabaa bara 2006, “Just setting my twttr” jettu kana dhalataa biyya Hindii Estavi jedhamu bara 2021 keessa doolara Ameerikaa miiliyoona 2.8 bite ture.
Bara kana, jechuun 2022 deebisee doolaa Ameerikaa miiliyoona 48tti gurguruuf caal-baasii murteesseen, qarshii hedduu gadi cabsuun doolaara kuma ja’aaf dhibba lama kennameef ($6,200). Nama kofalchiisa!
Rakkoon NFT Maalidha?
Rakkoolee NFT-n inni guddaan, fknf NFT guddichi Ethereum Blockchain transaction tokko hojjechuuf humna elektrikii mana jireenyaa guyyaa tokko fi walakkaa oolchuu danda’u caalaa fayyadama jedhu. Kana jechuun transactions kumaatamaan lakkawaman guyyaatti kan hojjetu yeroo ta’u wal-bira qabuun, waggaatti humna elektriki biyyi tokko fayyadamtu consume godha jedhuudha.
Rakkon inni kaan akkaataa bitteedha, NFT tokko bitachuuf jalqaba Cryto qabaachuu nu gaafata. Fakkeenyaaf Cryto-n Eth tokko, yeroo ani barruu kana barreessutti gara doolaara 2,948 dha. Hedduu qaaliidha.
Inni kaan ammoo, gatii qabeenya dijitaalaa (digital asset) gar-malee akka ol-kaa’uufi gadi bu’u gochaa jira jedhamees ni komatama. Inflate godha jedhama.


