Qubee Touchpoint - Poe

Poe Software

Poe Software – software (mosaajiin) kun mosaajiilee bifa application mobaayilaa, website (marsariitii) fi deesktoopiin kan dhihaate yeroo ta’u, faayidaan isaas fayyadamtootni salphaatti modelii AI (Artificial Intelligence) garaa garaa bakka tokkotti akka argataniifii gaaffiilee garaa garaa gaafachuun deebii akka argatan kan taasisudha.

Poe kan kalaqe dhaabbata beekamaa Quora jedhamudha. Quora-aan marsariitii guddaa namootni hedduu gaaffi gaafachuufi deebii waliif kennuun beekamtii fi maallaqa akka argatan kan godhudha.

Poe-n kan qalaqame bara 2022 keessa ta’us faayadamtoota hedduu horachuu danda’ee hira. Asirratti wanti ifa ta’uu qabu, Poe moodeloota AI dhaabbata garaa garaa irraa bakka tokkotti akka argannu kan nu dandeessisu male, ofii isaan moodela mataa isaan deebii nuuf deebisu hin qabu jechuudha.

Fakkeenyaaf; 

    Akkaataa itti fayyadama Poe

    Itti fayyadamuuf user account (eenyummeessaa) nu berbaachisa, innis email tokko ykn lakkoofsa bilbilaa qabaannaan gahaadha. Kanaaf, gara Poe deemuun, continue with (google/Apple) ykn ammoo Use Phone jechuun eegaluu dandeessu.

    Akka akkeekachiisatti garuu, gaaffii keessaniif deebii isin argattan tasa sirrii ta’uu mala sababni isaas AI moodeliin kun odeeffannoo ittiin train ta’e qofa deebisuu kan danda’uu fi odeeffannoo ho’aa ykn haaraaf deebi akka hin qabne ifadha.

    Faayidaa inni kaan moodeloota AI asirra jiran hunda tola fayyadamtu jechuudha. Odeeffannoo argannuu seeraan qulqulleeffataa yoo itti fayyadamne hojii nuuf salphisuu fi bu’aa qabeessumaa dabaluu dandaa’a jedheen amana.

    Galatoomaa.

    About The Author