Bara dijitaalaa kana keessa karaaleen online galii argatan hedduun akka jiran beekamaaadha. Galii argachuu gaafan jedhu hojii hojjechuun jechuu kiyya. Baay’een keenya odeeffannoo qabaannus karaalee sirrii fi biyya keenyatti qabatamaa ta’a adda baafnee waan beeknu hin se’u. Maxxansa YouTube irraa galii argachuu jedhu kana jalatti, odeeffannoo qabatamaa ta’an isiniif barreesseen jira obsaan dubbisaa.
Dubbisuun dura, dhugaatti online galii argachuuf hojii qabatamaa ta’e (kan beekumsa, yeroo, humna gafatan) hojjechuun dirqama akka ta’ee fi karan tola ykn salphaatti hidhaa/link cuqaasuun ykn click ykn ammoo si’a shan screen/fuullee bilbila keenyaa tap/tuquun gochuun qofa qarshiin nuuf kafalamu akka hin jirra ifatti siniif hiimun fedha.
Karaaleen hedduun jiraatanis; har’a waa’ee YouTube qofan barreessa (karaalee kaan beekuuf qubee-tp.com, finance) yeroo yerootti hordofuun maxxansa gara fuula duraati isiniif maxxansinu dubbisaa.
Karaalee YouTube irraa galii argachuu dandeenyu keessaa muraasni
- YouTube Partner Program (YPP) – YPPn karaalee YouTube irraa galiin argamu isa beekamaa fi namootni baay’een kan faayyadamanidha. Hiikti isaa Chaanaaliin keessan YouTube waliin partner ykn maamila akka ta’uuf walii galuu jechuudha. Kana gochuufis ulaagaalee guutuu qabnu heedduti jiru. Guutummaatti dubbisuuf hidhaa/link YouTube Partner Program Maali cuqaasi.
Barreeffamni kun itti fufa…