3D Printing (Three-dimensional Printing)– jechuun object ykn wantota (meeshaalee) kompiitera irratti saxaxaman (design ta’an) maxxansuu jechuudha. Maqaan isaa inni kaan, additive manufacturing jedhama.
Salphaamatti, teeknoloojiin kun meeshaalee ykn qaamota jajjaboo ta’an baqqaana baqqaanaan (layer by layer) walirra kaa’uun, akka saxaxa kompiitera irratti qophaa’en wal gakkeessun maxxansuu jechuudha. Fakkeenyaaf meeshaalee xixxiqqaa kan akka mucaasheelee (puppet) hanga mana ijaarutti.
Kana gochuuf, mosaajii kompiiteraa, meeshaa ajaja kompiiteraa kana hojiitti jijjiiru, harkee fi wanta meeshaan irraa hojjetamu (fknf simmintoo) barbaachisa.
Gara fuulduratti, saayintistoonni teeknoloojii kana fayyadamuun plaanetii kan biraa (fknf plaanetii maars) irratti manneen (outer space BioPods) ijaaruun keessa jiraachuufi biqiltoota keessatti biqiltuun akka dandaa’an mul’isu. Kanarra kan darbes reusable rocket ariitii qaban ijaaruufas yaadu.
Malaawwiitti, Yeroo Duraaf Manni Barnootaa 3D Maxxanfame Ta’e Barnootaaf Baname.
Dhaabbatni UK, CDC Group manni barnootaa kun sa’aa 18 keessatti maxxanfame jedha. Akka gabaasaa UNICEF-tti Malaawwii Keessatti qofa kutaaleen barnootaa 36, 000 akka barbaachisu ibsuun, haala amma jiruun kutaalee kana ijaaranii xumuruuf waggoota 70 akka fudhachuu danda’u ibse.
Garuu, teeknoloojii maxxansaa kana fayyadamuun waggoota 10 keessatti akka xumuramu gabaase jira. Faayidaa teeknoloojii kana tilmaamuun salphaadha jechuudha.
Maxxansa kana kan hojjetu 14 Trees yoo ta’u, dhaabbata wal-ta’insaa (joint venture) CDC Group fi French-Swiss ijaarsa meeshaaleerratti bobba’edha.