VPN Image

VPN Maali?

VPN (Virtual Private Network) maal akka ta’e ykn akkamitti akka hojjetu ibsuuf akka ta’utti wantoota kana haa ilaallu:
ISP (internet service provider) – dhaabbata internet nuuf dhiheessu fknf ethio telecom.
VPN Host/Client – Software dhaabbata tajaajila VPN nuuf kennu.
VPN Server – Server (kaadimtuu ykn gargaartuu), compiwutera gurguddaa tajaajila VPNf oolan.
End Device – Meeshaalee (wantoota) internet ittin argannu, bibiloota, laaptooppii fi kanneen biroos.

Egaa, namni tokko bilbila isaa banee interneetii yeroo fayyadamutti communication (odeeffannoon) ykn network traffic (afaan networking) bilbila kanaaf server gidduutti geggeefamu hundi WiFi ykn cable haa ta’u, karaa ISP darbee deema. 

Jechuun, ISPn kun wantoota kana lamaan gidduu galee wal-qunnamsiisa jechuudha.

Kana jechuun, sa’aa kamitti bilbilli kam network akkami ykn marsariitii kam akka fayyadame ISPn salphaatti argachuu ni dandaa’a jechuudha. Akkamiin yoo jettan, end device (say bilbilli keenya) interneetii irratti yeroo hunda addadha.

Maalti adda godha yoo jettan, IP (internet protocol) fi MAC (Media Access Control) Address kun wantoota meeshaalee interneetii irra jiran hunda adda baasa.

IP (internet protocol) kan jennu kun gosa lamatu jira, isaanis IPv6 fi IPc4 jedhamu. (Garaagarummaa isaanii booda itti deebina). Bilbilli keenya IP kana kan argatu meeshaa Router jedhamu irraati. 

Router tokko neetworkii tokko neetworkii kan biraatti hidhuuf kan gidduu kaa’amudha. Fknf, Yuunvarsiitiin tokko router mataasaa qaba, neetworkii teelee irraa dhufuu fi neetworkii mooraa keessaa kan walqunnamsisudha.

Kanaaf, router kun meeshaalee neetworkii sana keessa jiran hundaaf IP kana kenna jechuudha. Fknf, data gaafa fayyadamnu IP keenya router teelee irraa arganna jechuudha. 

MAC address garuu koodii meeshaalee electronics hundaaf dhaabbata oomisherraa kan kennamudha. Salphaattis jijjiiramuu hin danda’u.

Gara VPNtti yeroo deebinu, virtual private network kun network traffic (communication) keenya hunda akka hin mul’anne godha jechuudha. Private network jechuun, neetworkii kan dhaabbataas, kan dhuunfaas haa ta’u, bilbila harkaa tokkoo hanga kompiwuteroota baay’eetti private jedhamuu dandaa’a.

Internet kun uumama isaatti secure miti, jechuun qaamni neetworkii keenya kana cabsee seenuu danda’u jira (hackers), akkasumas ISPn wantota nuti fayyadamnu track (hordofuu) ykn eavesdrop (dhaggeefachuu) danda’u jechuudha.

Fknf Baakiin daldala Itoopiyaa damee hedduu qaba, damee ishee tokko akka private network ilaaluu dandeenya. Kanaaf, akkamiin haala secure ta’een dameen baankii daldalaa hundi communicate gochuu danda’a? deebiin kanaa tokkofaan VPN fayyadamnuun jechuudha.

VPN kun akkamiin hojjeta?

Fakkeenya goddaa tokko isiniif kaasa, VPN beekamaa Psiphon jedhamu kana yoo ilaalle dhaabbata tajaajila VPN kennudha. Dhaabbatni kun VPN host (application) fi VPN Servers ni qaba jechuudha. 

VPN host kun kompiitera nama fayyadamuurratti kan install ta’u yeroo ta’u, VPN Server ammoo sarvaroota dhaabbata kanaa biyya garaa garaa keessa jiranidha. Fknf Australia, Belgium, Bulgaria, USA…

Application kana (ykn VPN host) kana kompiiwutera keenyarratti gaafa run goonu (kaachifnu), directly VPN Server dhaabbata kanaa keessaa tokkorratti connect nuuf godha jechuudha. 

Erga connect godheen booda, encryption key (lakkofsa dhoksaa) wal-jijjiiruun, IP address keenya isa telecom irraa arganne sana jijjiiruun kan biyya sanaa nuff kenna jechuudha. Kun maal jedhamaa IP masking (IP dhoksuu).

Hub: telecom (ISP) Facebook yeroo cufutti, VPNn fayyadamuun kan dandaa’amuuf kanaafi IPn keenya mask ta’eera jechuudha. 

Kana jechuun ammoo, kompiiterri keenya IP isa haaraan male isa mofaan hin waamamu interneettii gubbaatti. Regional by passing jechuu dandeenya.

Dabalataan, VPN kun IP keenya qofa dhoksa osoo hin taane network traffic bilbila keenyaaf server giddu jiru hunda encryt gochuu dandaa’a. 

Fakkeenyaaf qaamni tokko data keenya ykn communication keenya kana intercept yoo godhe (gidduu seene) ykn gochuu danda’e, data hiika hin qabane ykn encrypt ta’e argata malee odeeffannoo qulqulluu argachuu hin danda’u ykn ni ulfaata.

Waan dubbiftaniif galatoomaa, bal’inaan haasa’uuf gaaffii osoo gaafattanii gaariidha

About The Author